Fana: At a Speed of Life!

Lammiin Afrikaa Kibbaa Bareedduu Addunyaa Bara Faranjootaa 2019 Taate

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Giiftiin miidhaginaa Afrikaa Kibbaa Zoozibii Tuunzii dilbata galgala bareedduu addunyaa kan bara Faranjootaa 2019 ta’uun goonfoo kaawwatte.

Tuunziin abbootii murtiif daawwattoota sagantichaa marsaa dorgomicha garaa garaarratti uffannaashitiin ajaa’ibsiisuun injifatte.

Dorgommicharratti ‘Miss Porto Rikoo Maadisoon Andersan fi Miss Meeksikoo Soofiyaa Aragoon, wal duraa dubaan sadarkaa qabataniiru.

waa hunda dura dubartoonni wa’ee hoggansaa beekuu qabu sababni isaas Hoggansi shamarranii fi dubartootaa yeroo dheeraaf otoo hin mul’atin hafeera jechuun dubbatte ijifannoo ishaan booda.

waan dubartoonni barbaadaan osoo hin taane hawaasatu dubartootatti maqaa kenna, kun ammoo sirrii miti, dubartoonni qaama humna guddaa qabaniidha jetti Tuunziin.

Maddi:-CGTN fi BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.