Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen sababoota dhukkuba Tiruu irraa of eeggachuu qabu – Dooktar Darajjee Dhugumaa

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Lammiileen sababoota dhukkuba Tiruu irraa of eeggachuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsaniiru.

Guyyaan fayyaa Tiruu Addunyaa mata duree “fayyummaan Tiruu jireenya keenyaaf” jedhuun akka Addunyaatti yeroo13ffaaf, akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 9ffaaf Finfinneetti kabajameera.

Dhibeen Tiruu sadarkaa addunyaa fi Ityoophiyaatti rakkoo fayyaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Namoota dhibicha qaban waliin walquunnamtii saalaa daangaa hin qabne raawwachuu fi baala sammuu namaa adoochu fayyadamuun sababoota dhibichaa ta’uu kaasaniiru.

Dhukkubsattoonni dhibichaa dhaabbilee yaala fayyaatti tajaajila yaalaa ga’aa akka arganatii fi walga’iinsa qorichaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Guyyaan Dhibee Turuu kun har’a guutuu Addunyaatti yaadatamee oola jedhameera.

Maddi:-TOI

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.