Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Paakistaan aangoorraa ka’uu Muummee Ministiraa Imraan Kaan mormuun  hiriira ba’an

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Lammiileen Paakistaan hedduun  aangoorraa ka’uu Muummee Ministiraa biyyattii Imraan Kaan mormuun  hiriira ba’uu gabaafame.

Magaalaa guddoo biyyattii Islaamaabaad dabalatee magaalota garaagaraa keessatti lammiilee hedduun gara dirreetti ba’uun hiriira mormii gaggeessuu gabaafameera.

Muummeen Ministiraa biyyattii Imraan Kaan” Uummanni Paakistaan mootummaa burjaaja’aa alaa dhufeef hin bitamu jechuun mormiif ba’eera” jechuun gama Twitara isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Dhimma Raashiyaa fi Chaayinaatiif deeggarsa osoo hin agarsiisiin waanan hafeef Ameerikaan aangoorraa akkan bu’u fedhii qabdi, paartileen mormituu Paakistaanis qaamolee alaa waliin hojjechaa jiru jechuun irra deddeebiin dubbachaa turaniiru.

Ameerikaan gamasheen himanni muummee ministirichaa bu’uura kan hin qabnedha jechuun ibsiteetti.

Muummeen Ministiraa Imraan Kaan waraanni Raashiyaa fi Yuukreen erga eegaleen booda Preezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin wal arguun isaanii Ameerikaan akka isaanitti mufattu taasisuu akka hin hafne kanneen ibsan jiru.

Muummeen Ministiraa Imraan Kaan Paarlaamaa biyyattiirraa sagalee dhabuun isaanii ni yaadatama.

Maddi:- RT

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.