Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen olola diinaa cinaatti dhiisuun humna waloo akka tumsan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan lammiileen olola diinaa cinaatti dhiisuun humna waraanaa waloof aantummaa isaanii akka agarsiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Yiliqaal Uummanni naannoo Amaaraa fi guutuu Ityoophiyaa olola diinni afarsu cinaatti dhiisuun humna waloo waraanaa diina falmachaa jiruuf aantummaa isaanii agarsiisuu akka qaban gaafataniiru.

Tokkummaa fi murannoon sochii diinaa qolachuun yeroo dhiyootti injifannoof ni geenya jedhan.

Weerara garee ABUT qolachuuf humni waraanaa waloon murannoo fi onnee guutuun falmachaa jiraachuu himaniiru.

Humnichi abdii ABUT fashaleessuun ga’umsa amansiisaa injifannoo galmeessuuf isa dandeessisurratti kan argamu ta’uu fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Yaa ta’uutii Uummanni naannoo Amaaraa fi guutuu Ityoophiyaa olola diinni afarsu cinaatti dhiisuun humna waraanaa waloo diina falmachaa jiruuf aantummaa isaanii agarsiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.