Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen odeeffannoowwan qoqqoodiinsaa fi sobaarraa of eeguu qabu- Dooktar Biqilaa Hurriisaa

Finfinnee, Amajjii 7, 2014 (FBC) – Lammiileen odeeffannoowwan qoqqoodiinsaa fi sobaarraa of eeguun Ityoophiyaa ijaaruu akka qaban Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaa ibsan.

Garee shororkeessaan ABUT baatiiwwan darbanitti naannolee Amaaraa fi Afaar bakkeewwan weeraraan qabatee turetti Miidhaa hawaasummaa, diinagdee fi xiinsammuu guddaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni tokkummaa sabdaneessummaan waliin hiriiruun garee weeraraa kan qolachuu danda’uu fi garichi qaamoleen nageenyaan rukutamee bakkeewwan weeraree ture lakkisee ba’uu eeraniiru.

Garichi kan rukutame irree Ityoophiyaan ta’uu fi injifannoon argames kan Ityoophiyaanota hundaa ta’uun hubatamuu qaba jedhaniiru.

Injifannoo tokkummaa sab-daneessummaan argame yeroo kamiyyuu caalaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Injifannoo argame nageenyaa, misoomaa fi ijaarsa biyyaaf haala itti fayyadamuun danda’amurratti hoggansa sadarkaan jiru waliin mariin gaggeeffamuu ibsaniiru.

Ityoophiyaa ijaaruu fi cimsuun kaayyoo marichaa ta’ee osoo jiruu sanada marichaaf dhiyaate fakkeessanii qopheessuun qaamoleen faayidaa siyaasaa hin malleef fayyadamaa jiran jiraachuu addeessaniiru.

Diinonni tokkummaa uummata gidduutti uumame ittiin diiguuf kan qopheessan ta’uus eeraniiru.

Lammiileen odeeffannoowwan qoqqoodiinsaa fi sobaarraa of eeguun Ityoophiyaa ijaaruurratti xiyyeeffachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.