Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Kumni 1fi 173 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Amajjii 15, 2015(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Kumni 1fi 173 guyyaa har’aa Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.

Lammiilee kanneen keessaa kumni 1fi 161 dhiirota yoo ta’an 12 guddattoota ta’uu ibsameera.

Lammiilee kanneeniifi deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan taasifamuufiifi hojiin maatii isaaniitti makuu hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Sadaasaa 12, 2015 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 31fi 919 gara biyyaa deebi’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.