Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 33 Saa’uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 33 guyyaa har’aa gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiilee har’a gara biyyaa deebi’an keessaa kumni 1 fi 25 dhiiroota yoo ta’an, 8 ammoo daa’immaan ta’uu ibsameera.
Hojiilee lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran kuma dhibba 1 ol gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti namoonni kumni 19 fi 900 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.