Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 21 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Guyyaa har’aa marsaa sadiin hojii lammiilee gara biyyaattii deebisuu gaggeeffameen lammiileen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 21 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee har’a deebi’an keessaa 998 dhiirota fi 23 ammoo guddattoota umriin isaanii waggaa 15 gadii ta’uun ibsameera.

Lammiilee haalaa rakkisaa keessatti argaman kuma 102 Gara biyyaatti deebisuuf Bitootessa 21, 2014 hanga Amajjii 17, 2015’tti hojiilee hojjetamaniin lammiilee kuma 105 fi 853 deebisuun akka danda’ame ragaan ministeeraa Dhimma dubartootaa fi hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.