Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 171 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 1, 2015(FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 171 har’a gara biyyaatti deebi’aniiru.

Guyyaa har’aa kanneen deebi’an hundi dhiirota yoo ta’an kudhan ammo guddattoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uun ibsameera.

Deebitootaaf deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatiin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Sadaasa 12, 2015 irraa eegalee hanga ammaatti hojii lammiilee haala rakkisaa keessatti argaman Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebisuu gaggeeffameen lammiileen kumni 26 fi 695 deebi’uu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.