Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 167 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Lammiileen Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa turan kumni 1 fi 167 guyyaa har’aa gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee deebi’an keessaa kumni 1 fi 165 dhiirota yoo ta’an, lamaa ammoo guddattoota umrii 18 gadii ta’uun eerameera.

Deebitoota kanneeniif kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun bakka qophaa’eef qubsiifamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Sadaasa 12, 2015 eegalee hanga ammaatti hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetameen lammiileen kumni 7 fi 968 deebifamuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.