Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kumni 1 fi 148 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 148 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee deebi’an keessaa kumni 1 fi 143 dhiirota yoo ta’an 5 dubartoota ta’uun ibsameera.

Guddattoonni umriin isaanii waggaa 15 gadii 128 kan argaman ta’uunis eerameera.

Deebitootaaf deeggarsa fi kunuunsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu gaggeeffamuun eerameera.

Ebla 4, 2016 eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 57 deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.