Lammiileen kumni 1 fi 133 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Balalii marsaa sadiiN guyyaa har’aa lammiileen kumni 1 fi 133 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.
Lammiilee kanneen keessaa 3 daa’imman yoo ta’an kumni 1 fi 130 dhiirota ta’uu eerameera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan taasifamee gara giddugaloota turtiisa isaaniitti geeffamuu ibsameera.
Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiilee kuma 45 fi 325 gara biyyaa deebisuun danda’amuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.