Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen kuma 134 ol galmaa’anii leenjiii Koodarootaa fudhachaa jiru-TKM

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC)– Leenjii “Koodaroota Itiyoophiyaanoota miiliyoona 5’n” lammiileen kuma 134 ol galmaa’uun yeroo ammaa leenjicha fudhachaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajajailichaa Salaamaawwit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaniin, sagantaan leenjii koodarootaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin ifoomuu yaadachiisnaiiru.

Haaluma kanaan sagantichi hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Kaayyoon sagantichaas hubannoo bu’uuraa dijitaalaa dargaggootaa gabbisuun, dorgomtummaa isaan addunyaarratti qabaatan kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Dabalataan diinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahataniif kan gumaachu ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi dhaabbataa damicharratti muuxannoo sadarkaa idil addunyaa qabuun kan kennamuu ta’uus kaasaniiru.

Leenjichi fedhii beekumsaa dargaggootaa adda baasuun, leenjii biroo kennamuu qabaniif galtee bu’uuraa akka ta’u dubbataniiru.

Leenjichi hunda hirmaachisaa akka ta’u haalli mijachuu kaasanii, fuuldurattii hammi leenjitootaa dabalaa danda’aan kan eegamuudha jedhan.

Hanga ammatti lammiileen kumni 134 galmaa’anii leenjicha fudhachuurratti akka argamanis ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.