Lammiileen kuma 1 fi 24 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa marsaa sadiin hojii lammiilee deebisuu gaggeeffameen lammiileen kuma 1 fi 24 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.
Lammiilee deebi’an keessaa daa’imman 23 fi dhiirota kuma 1 fi 1 ta’uun eerameera.
Lammiilee deebi’an kanneen deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun buufata qophaa’eef qubsiifamaniiru.
Hanga ammaatti hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetameen Ityoophiyaanonni kuma 40 fi 911 gara biyyaatti deebi’uu ragaan Ministeera Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.