Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Keeniyaa turan 134 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Karaa seeraan alaatiin biyyoota garaagaraatti imalaa kan turan lammiileen Itiyoophiyaa 134 Keeniyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoonni kunneen sanadaa imalaa utuu hinqabaatin faddaaltotaan gowwoomfamuun seeraan alaa Keeniyaa qaxxaamuruun gara biyyoota garaagaraatti imaluuf wayita yaalanitti to’annoo jala oolfamuun ibsameera.

Lammiileen kunneen manneen hidhaa Naayiroobii Keeniyaa, Mombaasaa fi bakkoota garaagaraatti hidhamanii turuun ibsameera.

Keeniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Poolisii fi Biiroo Immigireeshinii Keeniyaa waliin ta’uun lammiileen 134 gara biyyaatti akka deebi’an taasifamuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.