Lammiileen Ityoophiyaa Loos Anjalas jiraatan dhiibbaa Ameerikaan Ityoophiyaarratti taasiisaa jirtu mormuun hiriira gaggeessan
Finfinnee, Bitootessa 8, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa Loos Anjalasii fi naannawaa ishee jiraatan dhiibbaa Ameerikaan Ityoophiyaarratti taasiisaa jirtu mormuun hiriira gaggeessaniiru.
Lammiileen kunneen duula olaantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayitti gaggeesse deeggaruu fi mootummaan Ameerikaa birmadummaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa hin mallee qaqqabsiisaa jiru mormuun Loos Anjalasiitti hiriira mormii gaggeessaniiru.
Murtoon Ameerikaan murteessaa jirtu loogummaan kan guuttammee fi ragaa qabatamaarratti kan hin hindoofne ta’uu hiriirtoonni ta’uu kunneen ibsaniiru.
Ityoophiyaa ilaalchisee qaamolee mootummaa Ameerikaan ragaalee ba’aa jiru mormuun mootummaan Ameerikaa murtoo odeeffannoo sirriirratti hundaa’e laachuu akka qabu gaafataniiru.
Giddugalummaa Hidha Haaromsaa irratti muul’atus balaaleeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.