Lammiileen Ityoophiyaa kumni 2 fi 196 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an
Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa kumni 2 fi 196 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’aniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti aragaman gara biyyaa deebisuuf haaluma karoorfameen namoonni hedduun deebi’aa jiraachuu waajjirri Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa beeksiiseera.
Kaleessa galgala dubartootaa 196 fi daa’imman 88 dabalatee lammiileen Ityoophiyaa kumni 2 fi 196 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.