Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 76 Saa’udiirraa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa marsaa sadiin lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaarraa deebisuuf hojiilee hojjetamaniin lammiileen kumni 1 fi 76 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Kanneen deebi’an keessaa kumni 1 fi 75 dhiirota yoo ta’an, tokko ammoo lammii umriin waggaa 15 gadii ta’uun ibsameera.

Lammiilee deebi’aniif deeggarsii fi kunuunsi barbachisu taasifamuun bakka isaaniif qophaa’e qubsiifamaniiru.

Hanga ammaatti lammiileen gara biyyatti deebifaman waliigalaan kuma 66 fi 99 ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.