Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 76 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Adoolessa 29, 2014(FBC)- Balallii marsaa sadiin guyyaa har’aa lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 76 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.
Lammiilee kanneen keessaa kumni 1 fi 71 dhiirota yoo ta’an 5 ammoo guddattoota ta’uu eerameera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameen booda gara gara giddugaloota tursiisaa geeffamuu ibsameera.
Hojii lammiilee deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 61 fi 449 gara biyyaa deebi’uu ragaan ministeericharraa aegame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.