Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 65 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014(FBC)-  Guyyaa har’aa balallii marsaa sadiin lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 65 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.

Lammiileen gara biyyaa deebi’an hundi isaanii dhiirota ta’uu eerameera.

Lammiilee deebi’aniif deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefii booda gara giddugala tursiisa yerootti geeffamuu ibsameera.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 65 fi 14 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.