Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 26 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Marsaa sadiin lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 26 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.
Lammiilee kanneen keessaa 845 dhiirota, 153 dubartootaafi 28 daa’immaniifi guddattoota ta’uu eerameera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda gara giddugala tursiisa qophaa’eef akka deeman taasifamuu ibsameera.
Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga yoonaatti hojjetameen lammiileen kumni 69 fi 683 deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.