Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 159 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Balallii marsaa sadiin guyyaa har’aa lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 159 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsame.
Lammiilee kanneen keessaa kumni 1 fi 156 dhiirota yoo ta’an 3 ammoo guddattoota ta’uu eerameera.
Lammiilee kanneeniif deeggarsiifi kunuunsi barbaachisaan erga taasifamee booda gara giddugala tursiisa yerootti geeffamuu ibsameera.
Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 58 fi 301 gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.