Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 154 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) –Guyyaa har’aa balallii marsaa sadiin gaggeeffameen lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 154 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu ibsameera.

Deebitoota kanneen keessa 157 dubartoota, 2 daa’immanii fi 995 ammoo dhiiroota ta’uu beekameera.

Deebitootaaf deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun gara giddugalaa tursaa qophaa’eefitti akka geeffamaan ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Hanga ammaatti hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hojjetameen Ityoophiyaanoonni kumni 22 fi 600 ol deebi’aniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.