Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Torbee lamaan darbanitti lammiileen Ityoophiyaa hojii malee hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
 
Dubbii himaan ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin haala yeroorratti ibsa laataniiru.
 
Torbee lamaan darban keessa Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota hambaatti sababa weerara vaayrasii koroonaan hojii malee hidhaa fi godaansarra turan 218 gara biyya isaaniitti deebi’uu ibsaniiru.
 
Gama biroon dhoo’iinsa tibbana Liibaanoon magaalaa Beeruutiitti qaqqabeen lubbuun lammii Ityoophiyaa 1 darbuu fi namoota 9 irraa ammo miidhaan qaqqabuu Ambaasaaddar Diinan himaniiru.
 
Namoonni dabalataa miidhaan irra qaqqabe jiraachuu fi dhabamuu Qoonsilaan Ityoophiyaa biyyattiitti argamu xiyyeeffaannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Oduu biroon Ityoophiyaan dambii guutinsa bishaan hidha haaromsaa marii sadeef dhiyeessuu ishee ibsaniiru.
Yaa ta’uutiin biyyoonni lama dambicha ilaaluuf yeroon nuuf yaalatamu waan jedhaniif marichi yeroof adda cituu isaa beeksisaniiru.
 
Keessattuu haala itti fayyadamua bishaanii ilaalchisee gaaffiin waliigalteef dhiyaate hidhichaa waan walhin qabanneef Ityoophiyaan gaafficha hin fudhanne jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
 
Haala itti fayyadama bishaanii waliigalaa ilaalchisee marii biraan kan ilaallamuu fi biyyoonni yaa’ichaa hundi bakka argamanitti ta’uu akka qabu Ityoophiyaan ejjennoo qabaachuu ibsaniiru.
 
Mariin sadee Wiixaxa dhufu ni eegalama jedhamee kan eeggamu akka ta’e beeksisaniiru.
 
Misikkir Sinaafiqitu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.