Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 79 Jibuutiirraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Embaasiin Ityoophiyaa Jibuuttitti argamuu Dhaabbata Godaantoota Idil-Addunyaa waliin ta’uun Lammiileen Ityoophiyaa 79 Jibbuuttirraa gara biyyaatti akka deebi’an taasiseera.

Deebitoota keessaa namoonni 36 Yamaan irra gara Jibuutti kan dhufan yoo ta’uu ,kan hafan giddu gala Bahaatti imaluuf Jibuuttii erga ga’anii kanneen yaada jijjiiratan ta’uu eerameera.

Waggoottaan sadan darban qofa lammiileen Ityoophiyaa Jibuutii ka’uun Galaana Diimaa qaxxaamuru wayita gara Bahireen imaluuf jedhan hedduun balaa garaagaraaf saaxilamuu ibsameera.

Bidiruu daddabarsitoota seeraan alaa 6 irra balaa qaqqabeen lammiileen 118 lubbuun darbuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.