Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 36 Liibaanosii deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015 (FBC)– Lammiileen Ityoophiyaa Liibaanositti rakkoo keessa turan 36 gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Lammiileen kunneen Liibaanositti rakkooleen garaagaraa kan irra ga’ee fi da’oo Waldaa Hawaasa Ityoophiyaa keessa kan turan ta’uun ibsameera.

Waajjirri Qonsilaa Jeneralaa Ityoophiyaa Liibaanos jiru qaamolee mootummaa biyyattii dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun lammiilee kanneen gara biyyaatti akka deebi’an taasisuu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.