Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophyaa kumni 1 fi 93 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Balalii marsaa sadii har’a gaggeeffameen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa kan turan lammiileen Itiyoophiyaa kumni 1 fi 93 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota keessaa kumni 1 fi 87 dhiirota yoo ta’an, ja’a dubartoota ta’uun eermeera.

Lammiilee deebi’aniif kunuunsii fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun, hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 irraa eegalee hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiilee kuma 47 ol gara Itiyoophiyaatti deebisuun akka danda’ame eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.