Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa Libaanos turan 51 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Libaanos keessa jiraataa turan 51 haala yeroo ammaa biyyaattii hordofee gara biyyaa deebi’aniiru.

Rakkoo nageenyaa naannawicha mudate hordofee lammiileen Itiyoophiyaa Libaanos keessa jiraataa turan gara biyya akka deebi’an taasiifamaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa balallii marsaa lamaan lammiileen 51 gara biyyaa deebi’aniiru.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam, Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoo fi hoggantoonni mootummaa biroon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun lammiilee kanneen simachuu ibsameera.

Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.