Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa Libaanos keessa jiraatan gara biyyaa deebi’uuf fedhii qaban akka galmaa’aan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) – Walitti Bu’iinsa Libaanos keessatti mudate hordofee Lammiileen Itiyoophiyaa biyyattii keessa jiraatan gara biyyaa deebi’uuf fedhii qaban akka galmaa’aan waamichi dhiyaateera.
Waajjirri Qoonsilaa Jeneraalaa Itiyoophiyaa Libaanositti argamu ibsa baaseen, lammiileen Itiyoophiyaa gara biyyaa deebi’uuf fedhii qaban Libaanos keessaa baasuuf haala mijeessaa jiraachuu himeera.
Haaluma kanaan kanneen gara biyyaa deebi’uuf fedhii qabanii fi hanga ammaatti hin galmoofne ragaa barbaachisu qopheessuun akka galmaa’an waajjirichi gaafateera.
Lakkoofsonni bilbilaa galmeef qophaa’an, 03-29-89-78, 76-03-08-23, 81-99-46-34, 70-29-80-91, 81-80-25-18, 70-84-25-24 fi 81-09-27-46 ta’uu ragaan waajjiricharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.