Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa kumni 1 fi 48 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessaa turan kumni 1 fi 48 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoota kanneen keessaa 931 dhiirota, 114 dubartootaa fi 3 ammoo daa’imman reef dhalatan yoo ta’an, guddattoonni umrii 18 gadii 17 akka argaman ragaan Ministeeraa Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Deebitootaaf kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Ebla 4, 2016 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu gaggeefamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 61 fi 800 ol deebi’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.