Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa walummaa caalmaatti cimsuun nageenya biyyaaf hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC) – Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa walummaa fi walgargaarsaa qaban caalmaatti cimsuun nageenya biyyaaf hojjechuu akka qaban Abbootiin amantaalee dhaaman.

Hoggantoonni Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waloon ibsa kennaniiru.

Bara haaraa kanatti hundi waardiyyaa nageenyaa ta’uun hojii uumaan jaalatu akka hojjetan gaafataniiru.

Namni hundi qalbii jijjiirrachuun kan darbeef dhiifama waliif taasiisuun nageenya, tokkummaa fi walummaa, akkasumas walgargaaruun qooda irraa eegamu akka bahatan dhaamaniiru.

Hordoftoonni amantii kamiiyyuu nageenyaaf dursa kennuun nageenyaa fi walummaaf hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Nageenya uumaan dhala namaaf kenne eeguun dhalootaaf dabarsuu qabna jedhuun dhaamaniiru.

Jibbiinsaa fi shira maksuun gochaa uumaan jaalatu raawwachaa jiraachuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Abbootiin Amantaalee kunneen barrri haaraan bara jaalalaa, fayyinaa, tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.