Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa 875 Saa’ud Arabiyyarraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Lammiileen Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa turan 875 Saa’ud Arabiyyarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoonni kunneen hunduu dhiirota yoo ta’an, guddattoonni umrii 18 gadii 18 ta’uun eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kuma 39 gara Itiyoophiyaatti deebi’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.