Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa 456 Liibaanosii fi Saa’udiirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa haala rakkisaa keessa turan 456 Liibaanosii fi Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Torban kana keessaa lammiileen 157 Liibaanosirraa yoo deebi’an, lammiileen 299 ammoo Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’uun ibsameera.

Deebitoonni kunneen dubartoota, daa’imman reef dhalatanii fi guddattoonni umriin isaanii waggaa 18 gadii akka keessatti argaman ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Deebitoonni wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an kunuunsaa fi deeggarsi barbaachisaan taasifamuufiin, hojiin maatii isaaniin quunnamsiisuu hojjetamuu ibsameera.

Ebla 2016 eegaalee hojii lammiilee gara biyyatti deebisuu hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen Itiyoophiyaa kumni 90 fi 400 gara biyyaatti deebisuun akka danda’ame ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.