Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa 390 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC)-Lammiileen Itiyoophiyaa 390 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deebitoonni hunduu dhiirota yoo ta’an, kanneen keessaa 7 guddattoota umrii 18 gadii ta’uun ibsameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsaa fi kunuunsa barbachisaan taasifamuun hojiin maatii isaaniin walquunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ebla 4, 2016 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyatti deebisuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 81 ol gara biyyaatti deebi’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.