Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen hundi daa’imman rakkoo saalessa sammuu qabaniif deeggarsa gochuu qabu – Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Bitootessa 14, 2017 (FMC) –Lammiileen hundi daa’imman rakkoo saalessa sammuu qabaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen gaafatan.

Guyyaan hanqina guddina(Saalessa) sammuu Idil Addunyaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti kabajameera.

Guyyichi mata duree ‘Sirnoota deeggarsa keenyaa haa fooyyeessinu” jedhuun qindeessummaa Faawundeeshinii Dibooraan kabajameera.

Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Hundeessaa Faawundeeshinii Dibooraa Abbaa Duulaa Gammadaa, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat kaamili fi keessummoonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Mootummaa dabalatee lammiileen hundi daa’imman rakkoo saalessa sammuu qabaniif deeggarsa barbaachisu akka taasisan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen saganticharratti ergaa dabarsaniin gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.