Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Godina Shakkaarraa buqqa’an gara qa’ee fi qabeenya isaaniitti deebi’aa jiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa godina Shakkaatti sababa rakkoo nageenyaa uumameen lammiileen qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an deebi’aa jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.
Lammiilee bara 2011 buqqa’anii turan kuma 11 fi 78 keessaa kumni 6 fi 742 gara qa’ee isaaniitti deebi’uu ibseera.
Deebitoota kanneeniif manni Citaa 113, kan qorqoorroo 75 haaran ijaarramuu fi manneen 218f suphaan taasiifamaa jiraachuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Hawaasni naannichaa lammiilee kanneen deebisuuf hojii hojjetamaa jiru deeggaruu akka qabu Ministeerri Nageenyaa waamicha dhiyeesseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.