Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Chaayinaa kumni 47 ol Vaayrasii Koroonarraa fayyan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Laammiilee Chaayinaa Vaayrasii Koroonaaf saaxilaman kuma 80 fi 422 keessaa namoonni kumni 47 fi 260 guutumaan guutuutti fayyuu isaanii ibsame.
 
Biyyattiitti namoonni kumni 2 fi 984 dhibee kanaan du’aniiru.
 
Chaayinaan alatti namoota Vaayrasichaan qabaman kuma 10 fi 566 keessa namoonni 166 du’aniiru jedhame.
 
Kooriyaa Kibbaatti qofa namoonni kumni 5 fi 621 dhibichaan yoo qabaman, namoonni 33 du’aniiru.
 
Iiraanitti namoonni 92 yoo du’an, Xaaliyaanittis namoota 79 galaafateera jedhame.
 
Ameerikaatti namoonni 9 du’uutu ibsame.
 
Tatamsa’inni dhibichaa Chaayinaa keessatti daraan hir’achaa yoo dhufu biyyoota biroo keessatti ammoo ariitiin dabalaa jira jedhame.
 
Biyyoonni addunyaa hundi Chaayinaarraa muuxxannoo fudhachuu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hubachiiseera.
 
Sababa Vaayrasii kanaan diinagdeen addunyaa dhibbeentaa olaanaa miidhamaa jira jedhame.
 
Maddi:- CGTN, Al Jazeera fi Washington Post
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.