Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen burjaajessitoota miidiyaa hawaasaarraa akka of eeggatan Humni Waloo akeekkachiise

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Lammiileen guyyaadha gara guyyaatti dabalaa kan dhufe burjaajessitoota miidiyaa hawaasaarraa of akka eeggatan Humni Waloo Tajaajila nageenya odeeffannoo biyyoolessaa fi Tajaajilli nageenya Faayinaansii akeekkachiisaniiru.

Lammiilee qaamolee eenyummaan isaanii hin beekamne hariiroo miidiyaa hawaasaarratti uumaan irraa of eeggannoo taasisuu akka qabaniis korichi yaadachiiseera.

Korichi ibsa Tajaajila Oduu Ityoophaayiitiif ergeen, Ityoophiyaatti yeroo dhiyoo as miidiyaalee hawaasa fayyadamuun yakkoota waliin dha’uu raawwachuun danda’amuurra darbe lammiileen hedduun miidhaaf saaxilamaa jiru.

Yakkicha kan raawwataan namoota dhuunfaa biyyaa alaa jiraatan, viizaa tuuristiin gara biyyaa seenuun lamummaa biyyoota garagaaraa qabaniin ta’uu ibsichaan eerameera.

Lammiileen Ityoophiyaa heddumminaan kan itti fayyadamaan miidiyalee hawaasa kanneen akka Feesbuukii, Imeelii, Waatisaappii, Teeleegraamii, Insaagiraamii, Imoo fi Vaayibarii hidhuu fi fira fakkaatanii dhiyaachuu yakkoota akka raawwatan hordoffii taasifamee beekamuun danda’ameera.

Qaamoleen yakka kana raawwataniis sanadoota sobaa dhaabbilee biyya keessaa fi alaatti argaman, sanadoota dhaabbilee faayinaansii fi Gumurukaa, mallattoo hoggantoota, waraqaa eenyummaa fayyadamuun yakka waliin dha’uu raawwataa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Kanaanis lammiileen burjaajessitoota miidiyaa hawaasaarraa akka of eeggatan Humni Waloo akeekkachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.