Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen biyya alaa tikeeta imalaa Itiyoophiyaatti bitan sharafa alaan kaffaluu akka qaban beeksise

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa lammiileen biyya alaa tikeeta imalaa isaanii Itiyoophiyaatti bitan sharafa alaan kaffaluu akka qaban beeksise.

Dhimmicha ilaalchisuun daandichi ibsa baaseen, tajaajilli gurgurtaa tikeeta balalii idil addunyaa imaltootaaf kennamu guutummaatti sharafa alaa qofan akka ta’etti fakkeeffame gama miidiyaalee hawaasummaan tamsa’aa jiraachuu hubachuu eereera.

Dhimmichis Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qajeelfama fayyadama sharafa alaa baasuu hordofee daandiin qilleensichaa imala alarraa gara Itiyoophiyaatti taasifamu, maallaqa biyya keeessaan hojmaataa gurgurtaa tikeetaa kennamaa ture Adoolessa 2, 2016 irraa eegalee gartokkeen dhorkamuu mirkaneesseera.

Kanaaf imaltoonni sharafa alaan tajaajilicha kan argatan ta’uu beeksiseera.

Kunis Daandilee Qilleensaa biyya keessaa socho’an hundatti akka hojiirra oolu qajeelfama kenname ta’uu hubachiiseera.

Lammiilee Itiyoophiyaa fi lammiileen alaa sanada seera qabeessaa qaban biyya keessaa gara biyya alaatti imala taasisaan hojmaata duraan tureen tajaajila gurgurtaa tikeeta balalii kan argatan ta’uu himeera.

Ta’us, lammiileen alaa tikeeta isaanii Itiyoophiyaatti bitataan sharafa alaan kaffaluu akka qaban Daandichi hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.