Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen biyya alaa Seeraan ala Itiyoophiyaa jiraatan akka galmaa’an hubachiifame

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Lammiilee biyya alaa seeraan ala Itiyoophiyaa jiraatan har’arraa eegalee hanga Amajjii 30, 2016’tti akka galmaa’an Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa hubachiise.

Daayrektarri Kominikeshinii Tajaajilichaa Maastawaala Gadaa, galmechi lammiilee biyya alaa eeyyama jireenyaa fi viizaa yeroon tajaajilaa irra darbee akkasumaa galmee dhaabbataa utuu hintaasisaan kanneen miindeffamanii hojjetan kan ilaallatu ta’uu ibsaniiru.

Galmechi Waajjiraa Olaanaa Tajaajilchaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u sanadoota barbaachisaa qabachuun seera qabeessaa taasisuu akka qaban eeraniiru.

Tajaajilichi qorannoo gaggeesseen lammiileen biyya alaa kuma 21’tti dhiyaatan seeraan ala Itiyoophiyaa akka jiraatan akeekeera.

Eeyyama jireenyaa yeroo kan qaban, lammiilee kuma 18 ol, viizaa sobaa kan qaban lammiilee kuma 1 fi 500 ol akkasumas waraqaa eenyummaa dhalattootaa Itiyoophiyaa kan qaban ammoo lammiilee kuma 1 fi 800 ol ta’uu qorannichaan adda baafamuun himameera.

Hubachiisni kunis kan ilaalatu godaantota ta’anii eeyyama jireenyaa kan hinqabne utuu hintaane sanada sobaan kanneen socho’aniif ta’uun eerameera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.