Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen 96 Taanzaaniyaarraa gara biyyatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa 96 mana hidhaa Taanzaaniyaa turan gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Godaantonni kunneen seeraan ala gara Afrikaa Kibbaatti imalaa kan turan yoo ta’u, Daangaa Taanzaaniyaa seeraan ala seenuun humnoota nageenyaa biyyattiin to’atamuun manaa hidhaatti haala rakkisaa keessa turuun ibsameera.

Taanzaaniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa waliin ta’uun lammiilee kanneen gara biyyaatti akka deebi’an taasisuun eerameera.

Godaantonni lammiilee Itiyoophiyaa irra deddeebiin Taanzaaniyaarraan godaansi seeraan alaa taasisan du’aaf, hidhaaf, miidhama qaamaa fi dhamaatiif saaxilaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.