Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen 88 Beeruut irraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Beeruutitti deeggarsa Wajjira Qonsilaa Jeneraalaa Itiyoophiyaan gara biyyaatti akka deebi’aniif haala mijateen lammiileen 88 har’a gara biyyaatti deebi’uun ibsame.

Sababa garaagaraan eeyyama biyyattii jiraachuu utuu hinqabaatiin waggoota dheeraaf Liibaanosiin jiraachaa kan turan lammiilee Itiyoophiyaa sanada hinqabne bu’uuraa gaaffii isaaniini mootummaan biyyattii Waxabajjii 2015 akka gara biyyatti deebi’aniif galmeessuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan balalii jalqabaan lammiilee 78, marsaa 2ffaan lammiilee 96 fi marsaa sadaffaan har’a lammiileen 88 gara biyyaatti deebi’uu ragaan Beerutitti Waajjira Qonsilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.