Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen 125 Liibaanosirraa gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Liibaanositti haala rakkisaa keessa kan turan lammiileen Itiyoophiyaa 125 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee Itiyoophiyaa biyyattitti haala rakkisaa keessatti argaman gara biyyaattii hojiin deebisuu xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministeerichi Waajjiraa Qonsilaa Beeruut waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an gara biyyaatti deebisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.