Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee waraanaa fi balaawwan uumamaan miidhaman deeggaruuf sagantaan qabeenya walitti qabuu biyyaalessaa ifoome

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC)- Lammiilee waraanaa fi balaawwan uumamaan miidhaman deeggaruuf sagantaa qindaa’aan qabeenya walitti qabuu biyyaalessaa ifoomeera.

Federeeshiniin Dargaggoota Ityoophiyaa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa akkasumas dhaabbata Eelshaadaay Intarteeyimant jedhamu waliin ta’uun lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman deeggaruuf sagantaa qabeenya walitti qabuu ifoomseera.

Sagantichaan Birrii miiliyoona dhibba 5 ol walitti qabuuf karoorfatamuu ibsameera.

Deeggarsichi hoggantummaa gurmaa’iinsa dargaggootaa naannolee mara keessatti argamaniin kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Deeggarsicha walitti qabuuf Ityoo-telekoom waliin ta’uun koodiin ergaa gabaabaan ittiin ergamu kan ifoomu ta’uu himameera.

Ergaawwan gabaabaa ergamaniin carraawwan lootarrii kan jiran ta’uu ibsameera.

Naannolee hundatti fiigichi daandiirraa kan gaggeeffamu ta’uu fi bakkeewwan filatamanitti konsartiin muuziqaa kan adeemsifamu ta’uu eerameera.

Sagantaan galii walitti qabuu kun hanga Waxabajjii 30,2014tti kan turu ta’uu beekameera.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.