Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee sababa waraanaa miidhamaniif deeggarsi xiinsammuu kennamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Lammiilee sababa waraanaa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi  miidhamaniif deeggarsi xiinsammuu fi hawaasummaa  kennamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa  ibsan.

Ministeerri Fayyaa fi Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waldaalee ogummaa garaagaraa hirmaachisuun lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasisaa jiraachuu Dooktar Liyaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Deeggarsicha haala qindaa’aa ta’een akka laatamuuf ogeessotaa fi waldalee ogummaa dhimmi isaa ilaallatu waliin marii bu’a qabeessa gaggeessuu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.