Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun buqqa’an deebisanii dhaabuuf Sudaan waliin ni hojjetama – Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimroon

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Mootummaan lammiilee sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun buqqa’an deebisee dhaabuu Sudaan waliin tumsaan kan hojjetu ta’uu Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimroon ibsan.
 
Ambaasaaddar Yibalxaal Ayimroon dhimma tarkaanfii olaantumaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaa ilaalchisee Teeleeviizhiinii Al Arabiyaa Alhaadaax waliin turtii taasiisaniiru.
 
Gareen finxaaleyyii ABUT garaagartee mootummaa waliin jiru mariin hiikuuf filannoowwan dhiyaate hunda kuffisuu ibsaniiru.
 
Haleellaan garichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabarratti raawwate mootummaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf jecha gara tarkaanfitti galuu akka dirqame eeraniiru.
 
Yeroo ammaa duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu xumuramuun yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf hojiin adamsuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru himaniiru.
 
Bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisanii misoomsuu fi lammiilee deeggarsi namoomaa isaan barbaachisu utubuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Mootummaan lammiilee sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun gara Sudaanitti baqatan gara qa’ee isaanitti deebisuu fi deeggarsa barbaachisuu taasiisuuf Sudaan waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Sudaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Ayimroon ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.