Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 5 olitti tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) –Lammiilee Naannoo Amaaraa magaalaa Shawaa Roobiit qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona 5 olitti tilmaamamu taasifamuu ibsame.

Ministeera Galiiwwaniitti waajjirri damee kaffaltoota gibira olaanoo deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 5 oliitti shallagamu hojjettootaa fi hoggansa akkasumas dhaabbilee garaagaraarraa walitti qabe lammiilee sababa waraanaa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii magaalaa Shawaa Roobiit jiraniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Deeggarsicha hojii gaggeessaan damechaa obbo Tarreessaa Insuus Afa yaa’ii magaalaa Shawaa Roobiit obbo Girmaa Hayiluutti kennuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.