Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa walitti qabuuf lakkoofsi herreega Baankii ifoome
Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Lammiilee Beenshaanguul Guumuuzii fi Tigraayitti qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa walitti qabuuf lakkoofsi herreega Baankii ifoomeera.
Mootummaan lammiilee Beenshaanguul Guumuuzii fi Tigraayitti qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisee dhaabuuf lakkoofsa herreega Baankii deeggarsa walitti qabuuf ooluu ifoomseera.
Deeggarsa taasiisuuf irra deddeebiin gaaffiin dhiyaachaa turuu Ministeerri Nageenyaa ibseera.
Haaluma kanaan deeggarsicha walitti qabuuf mootummaan Ityoophiyaa lakkofsi herreega Baankii Birrii fi Doolaaraa banamuu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.