Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee Paarkii Indaastirii keessa hojjetaniif tajaajila fayyaa dhiyeessuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastrii, Ministeera Fayyaa fi Biiroolee Fayyaa Naannolee akkasumas dhaabbilee tumsitootaa waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichis Lammiilee Paarkii Indaastirii keessaaf tajaajila fayyaa dhiyeessuuf kan dandeessisu yoo ta’u, paarkiiwwan indaastiriis gatii madaalawaan hojjettootaaf tajaajilicha dhiyessuuf ni tumsa jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, sirna waliigaltichaarratti, sanadoonni kunneen mallatteeffamuun mootummaan tajaajila karoora maatiif kutannoo qabu kan argisiise ta’uu himaniiru.

Naannoleen abbummaan hojicha xiyyeeffannaan qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinichaa Obbo Kaamiil Ibiraahiim gama isaaniin, paarkiiwwan indaastirii koorporeeshinichi bulchuu 13’n keessatti dargaggoonni kuma 80 ol carraa hojii argachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.