Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee naannoo Afaar garee shororkeessaa ABUTiin buqqaafamaa jiraniif furmaatni ariifachiisaan kan barbachisu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Lammiilee naannoo Afaar garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqaafamaa jiraniif furmaatni ariifachiisaan kan barbachisu ta’uu Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa beeksise.

Gareen koree dhaabbichaa Dooktar Diimaa Nagawoon durfamu tibbana naannichatti dawwannaa dirree taasiseera.

Garichi lammiilee gandoota naannoo Tigraayiin waldaangessanirraa buqqa’anii buufata Afdeeraa jiraanii fi hoggantoota naannichaa waliin mari’ataniiru.

Miseensonni koree dhaabbichaa hospitaala waliigalaa Duubitiitti argamuun dubartootaa fi daa’imman dabalatee lammiilee nagaa hedduu meeshaalee gurguddaa garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman dawwataniiru.

Daawwanicha hordofee miseensonni kunneen hoggantoota amantaa fi jaarsolii biyyaa waliin haala yeroo naannichaarratti mari’achuu ibsameera.

Deeggarsa namoomaa  mootummaa fi qaamoleen garaagaraa taasisaniif galateeffachuun haleellaa haaraan irratti baname meeshaalee gurguddaan kan deeggarame ta’uu fi uummanni naannichaa qophaa isaa dandamachuu akka hin dandeenye jaarsoliin biyyaa misensota korechaaf ibsaniiru.

Walitti qabaan korechaa Dooktar Diimaa Nagawoon uummata naannichaa buqqa’aa fi du’aa jiruuf furmaatni hatattamaa kan barbaachisu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.